Qabiyyee

content

Content of article

Barnoota 4ffaa Ibaadaa fii hiikkaa isii.

Muslimtoota Beekaa dubbiin ibaadaa tun haalaan yaachistuudha. Amnuufii kafaruun namaa isirratti rarra’a. Jannataa fii azaabatti namni adda qoodamuunis sababuma isiitiini. Ammas yeroon amma keeysa jirru yeroo haalaan hamtuudha. Yeroo humnoonni farra islaamaa alarraa biyya teenya  seenanii duula towhiida dhabamsiisanii shirkii babal’isuu ummata keenyarratti oofaa jiranii dha. Kana waan taheef waayee maalummaa ibaadaa Rabbii kana qajeellotti ummataaf ibsuun,barsiisuun, hubachiisuun haalaaan barbaachisaa taha. Anis jechoota xiqqa kana akka yaadachiisaatti afaan keenya kan namni keenya hundinuu hubaatuun katabee isiniin gaye. Akkuma mammaksatti namni waan harkaa qabu darbate soodaataa miti jedhan sanitti.

Ummata keenya! Ibaadaan tenya hundi Rabbuma qofaaf tahuu qabdi. Irraa qoodanii kan birootiif dabarsuu hintaatu. Abbaa fedheewu taatu, malaaykaa, anbiyoota, fi kkf tokkoleefuu ibaadaa godhuun hintaatu.

Gosa ibaadaa  addaa babaafnee daliila isaaniitiin wajji dhihessina.

1-salaata-salaanni ibaadaa Rabbuma qofaaf tahe.daliilli isaa qur’aanaarraa

"salaata dhaabaa zakaa kennaa’’  hadiisarraayis hedduudha beekamaadha.

2-kadhaa yaammachuun Rabi qofaaf malee dhowwaadha-Ragagaan kanaa Qur'aanarraa

 ‘’masjidoowwan kama Allahaati. Allaahan wajji tokkollee hin yaammatinaa’’

hadiisarraa

  "Kadhaan dhuka ibaadaati"

 tirmizii.   

  3-sodaa-isiiniis ibaadaa rabbuma qofaaf tahuu qabdurraayi. Rabbiin s.w. akkana jedha

‘’Anuma sodaadhaa malee isaan (kaafira) hinsodaatinaa’’

(aalaimraan)

4- kajeellaan ibaadaa Rabbuma qofaaf taateedha,Rabbiin akkana jedha 

‘’Nnmni milkii guyyaa qunnamtii Rabbii isaa kan kajeelu tahe, dalagaa gaarii haadalaguu, ibaadaa rabbi isaatiif godhu keysatti tokkollee akka hinqindeessine’’

(suura alkahfi 110)

 Ammoo kajeellaan dhugaadhaa- ibaadaa Rabbi hojjataa qeebalamiinsa kajeeluu, badirraa towbachaa araarama kajeeluudha. kanaan ala hojii malee jannata kajeeluun, fi badii itti fufaa araarama kajeeluun dhamaasuudha,jazbummaadh.

5-Irkannoon Rabbif malee dhowwaadha. Ragaan kanaa Qur’aanarraa                                            

"Allaah qofarratti irkadhaa yoo muimintoota taatan"

( suratul maaidah 23)

Ammas Rabbiin s.w. akkana jedha " Nama Allaha irratti irkate inni gayaa isaati"  

 6-kajeellaa,  7-sodaa8-uf gadiqabuu. 

kanneenis ibaadaadha Rabbuma qofaaf taati. Rabbiin s.w. akkana jedha 

"Isaan toltuu hojjachutti kan jarjaran tahan, kajeelaa sodaachaa nu kadhatan, Nuuf uf gadi qaboo tahuu tura" 

( suuraa al-anbiyaa 90)

9-Sodaan Rabbuma qofaafi. Ragaan Qur’aanarraa- "Anuma sodaadhaa malee isaan hinsodaatinaa" suuratu-l baqarah 150.    

10-Deebiin gama Rabbii qofa malee dhowwaadha. Ragaan kanaa Rabbiin s.w.  Akkana jedha

"Gama Rabbii keysanii deebi’aa Isumaaf ajajamaa"

(suuratu zzumar 54)

  11-gargaarsifachuun Rabbuma qofaani, Ragaan jecha isaa kana

"suma qofa gabbarra, suma qofatti gargaarsifannas" suuratul faatihaa5.

hadisattis nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan

"yoo gargaarsifatte Rabbumatti gargaarsifadhu" ahmadii fii tirmizii tu baase

12-Tiyfamuun (maganfachuun)  Rabbuma qofaani Ragaan jecha Rabbiiti

''Gooytaa namaatiinin tiyfama jedhi'' suuratu nnaas aayaa 1.

Akkasuma sifaata Rabbii kan akka haasawa isaa, guddina isaa, ol aantummaa isaa, Dandeeytii isaa, jaalala isaa, fuula isaa kanneeniin tiiyfamuun maganfachuun ni dandayama. Ragaan hadiisota Nabii keenyarraa s.a.w.dhufee jira.

"jechoota Allaaha gutamtuwwaniinin tiiyfama hamtuu waan inni uumeerraa" muslimtu galmesse. Hadiisa birootti

"guddina keetiinin tiiyfama jala kiyyatti gadi kuffifamurraa" Ahmad fi nasaiitu odeesse.

13-dirmachiifachuunRabbiin malee dhowwadha. Ragaan kanaa Qur’aanarra

"yogguu Rabbii keysan dirmachiifattanii isiniif awwaate ani malaaykaa kuma tokko tan hiriirtuu taateen isin gargaaraadha(jedhee)"

(anfaa aayaa l9)

Aayanni kun guyyaa lola badrii nabiin keenya s.a.w. yaa Rabbi naa dirmadhu waan naaf waadaa seenteen naatumsi jedhanii kadhannaan deebisaa sanirratti buufame.

14-qaluun (gorraasuun)ibaadaadha Rabbuma qofaaf taate. Ragaan kana Qur’aanarraa

 "jedhi salaanni koo fi qaliinsi koo fii, jiruuntoo, fii duuti too Allahaa gooftaa aalamootaa tiifi. Shariikni isaaf hijiru"   

(suuratul an’aam 162,163)

Hadiisarraa ammo

 "Nama Rabbiif malee kanbirootii qale Rabbiin abaare"

(muslimtu baase)

 15-qodhaa godhuun ibaadaadha Rabbuma qofaaf tahuu qabdi.Daliilli Qur’aanarraa

Qodhaa niguutan,  guyyaa hamtuun isaa facaatuu taates ni sodaatan" suuratul insaan7.                    

 Dhumarratti ibaadaalee dubbanne tanaafii tanbirootis Rabbuma qofaaf qulqulleysuu qabna. walbarsiisuu nu barbaachisa. wanni nama yaachisu  namni hedduun Rabbi dhiisee makluuqa gabbara. sun addunyaaf aakiraa kasaaree jira, Fk/qabroota awliyaa, jinni, muka, galma, hadraa, oofaa fi kkf nii,-qaluunn, kadhachuun, barakaa irra barbaaduun, shirkiidha. jahanam nama sensifti.Irraa uf eegaa!

Yaadota