ffaa Utubaalee iimaanaa Jahan

Iimaanni waa jaharratti ijaarame. Sunis Rabbitti amanuu, malaaykaa isaattis amanuu, kitaabban isaattis amanuu, ergamtoota isaatti amanuu, guyyaa qiyaamaatti amanuu, murtii  Rabbiitti amanuu jechuudha.kanarraa yogguu dubbatu Rabbiin s.w. akkana jedha.  

"Isin yaa warri amantan! Rabbitti amana, malaaykaa isaatti, ergamtoota isaatti, kitaaba inni ergamaa isaarratti buusetti, kitaaba inni ammaan dura buusetti, amanaa. Namni rabbitti kafare, akkasuma kan malaaykaa isaatti, kitaabban isaatti, ergamtoota isaatti, guyyaa aakhiraatti kafare dhugumaan jallina fagaataa jallate." 

( Suuraa nisaa'ii 136)

 Arkaanaa iimaanaa kana Balifnee yoo laalle;-

1ffaa-Allaahatti amanuu.

yogguu jennu.-

A-Rabbiin jiraataa tahuu dhugaoomsuu.

Rabbummaa isaatti amanuu, mootii, khaaliqa, tahuu isaa dhugaoomsuu.

B-Gabbaramaa haqaa tahuu isaatt amnuu;-

kana jechuun haqaan gabbaramaan isamalee akka hinjirre mirkaneysuufii, isuma qofa gabbaruu. shirkirraa qulqullaawuu albaqarah .

gabbaramtoota dharaa maqaa malee wahiimiti jedhanii hubachuudha.  gabbaramtootni dharaa kun ufii isitiifuu uumamtuudha waatakkallee hin uumtu, warreen isii gabbarurraa hamtuu hindeebistu, toltuu hin fidduuf, jiraachisuufi ajjeesus hindandeessu jedhanii dhuga'oomsuudha.

maqaaleefii sifaata isaatti amanuu. [al'iimaanu bi asmaaihii wasifaatihii].

kana jechuun-maqaaleefii sifaataa Rabbiin qur'aana isaa keysatti mirkaneysee fii kan Nabiin keenya s.a.w. hadiisa isaa keysatti sabachiise akkuma dhufetti itti amanuu Rabbiif mirkaneysu sabachiisuu qabna jechuudha. jallisuufii qullaa godhuun maletti, akkaateysuufii fakkeysuun maletti, akkaataa guddina isaatiin malutti jedhanii. Waayee sifaata Rabbii kitaaba kana  gama booddaatti mata duree qooda towhiida jedhu  jalatti bal'inaan dhihaatee jira.

 Hubachiisa -bakka kanatti namni garee  sadihitti addaan qoqqoodame.

isaanis

1. mu'axxilaah [dhabamsiistu] warreen sifaata Rabbii mormanii dhabamsiisan kan akka jahmiyyaa fii ahbaash kanneen dogoggoranii jallatanii karaa Rabbii irraa bahan.

2. mushabbihah [fakkeysituu] warreen sifaata Rabbii kan makhluuqaatti fakkeysan. Sifaatni rabbi tan akkanaa jedhanii. Jarri kunis dogoggoraafi jallinarratti tahan.                       3= Ammoo ahlussunnati waljamaa'ah. Sifaata Rabbii hunda nisabachiisan fakkeysuun maletti, karaa kanatu haqa, kanaatu karaa dhugaati.

2ffaa-Malaaykaa isaatti amanuu.

Kana Jechuun Rabbiin s.w. ummata tokko kan maleykaa jedhamu uumeeti qaba jennee dhuga’oomsuu dha. Maleykaan gabroottan Rabbii kabajamoodha. isatti hin dilaawan, waan inni itti ajaje hojjatan. kan qur’aanaafii hadiisaan maqaafii hojiin isaanii dubbatame akkasumatti dhuga’oomsina. Rabbiin s.w. waayee malaaykaa qur’aana keysatti bal’inaan dubbatee jira.   Akkasuma hadiisarraa –anas Nabii keenyarraa s.a.w. odeesse / bukhaarii/.

    maleykaa 70000 guyyarra beytalmaimuuritti salaata.

Ammas Malaykarraa kan guyya jum'aah maqaa nama masgiida dhufuu tartiibaan katabantu jira /.bukhariitu abihureyraa galmeesse/ Ammas hadiisa birootti jibriil ni lallaba.

3ffaa-Kitaaba isaatti amanuu.

yogguu jennu;-Rabbiin kitaaba hedduu ilmaan namaatiin qajeelchuuf buusee jira. kitaabban sun hundinuu jecha isaati, dhugaadha jennee amanuu.

Hangafoonni isaani-towraat nabi muusaa, zabuur nabi daawud, injiil nabi iisaa, qur’aana nabii keenya Muhammad s.a.w. Rabbiin waayee kitaabban isaa qur’aana keysatti dubbatee ibsee jira.

 Qur'aana- qur'aanni kitaaba Rabbi kan boodaa kan irra caalaa nabiyyii isaa nabi muhammadirratti Rabbiin buuseedha.

4ffaa--Ergamtoota isaatti amanuu.

Hiikkaan isaa Rabbiin zamana hunda keysatti namoota gaggaarii ummata keysaa fileeti barsiisota godhee Akka amantii Rabbii ummata barsiisaniif bobbaasa jechuudha. Qajeelfama isaan barsiisanis kitaaba isaanirratti gadi buusa.

isaanis hedduudha. Kanneen qur’aanaafii hadiisaan maqaan isaanii dhufe akkasumaatti amanna.Rabbiin qur’aana isaa keysatti waayee ergamtootaa ibsee jira.

Nabi Muhammad s.a.w. caalaa anbiyootaati. Akkasuma quxisuu isaaniiti. Isa booda nayyummaan hin jirtu. Ganda makkaati.bara lola arbaa dhalate. Abbaan abdallah ibnu abdulmuxxalibi, haati aaminaa binti wahbiiti. Achumatti re'ee tiiysaa guddate. Yogguu dardaru maallaqa kadiijaatiin daldaluu ture. Booda isiis fuudhee bultii jaare. Umrii isaa waggaa 40tti Rabbiin qur'aana itti buusuudhaan akka ilmaan namaa islaamummaa barsiisee dukkanarraa baasu dirqama isarra kaaye. Samittis olbaasee salaata shaman itti kenne. Amata kudha sadi  eega qabsoo hadhooytuu adawwii makkaa wajjiin gaggeysan booda gara madiinaa godaane. Achitti qajeellotti qubatee masgiida jaaree mootummaa islaamaa tan haqaa hundeese. Waggota 10 achi jiraatee umrii isaa amata 63 du'aan gama aakhiraa godaane. Sallallaahu aleyhi wasallam. Kunoogaa ifaa inni achitti qabsiiseetu addunyaa guutuu ibse. Kunoo gaa ilma namaa kan addunyaa tanarra jiru 7,000,000,000 keessaa muslimtoonni 1,500,000,000 tahan ifaa isaa ibsatanii jala deemaa jiran. Yaa muslimtoota seenaa nabii s.a.w. baradhaa.

Wayee seenaa jiruu nabii keenyaa (siiraa) guutuu kitaaba rahiiqul maktuum jedhamu kan shekh safiyyu Rrahmaan arabiidhaan kaayerraa afaan keenyatti hiikee kasetoota sagalee 7tti qophesseetiin jira. Najjashiitu waggoota muraasa dura maxxansee raabse. Isa dhaggeyfachuudhan isinii dhaama. Kitaabaanis yoo rabbiin jedhe fuul duratti qopheysuun yaada.

5ffaa-Guyyaa boodaatti (qiyaamaatti) amanuu.

Guyyaa boodaa jechuun namni akka du'een hihafu gayyaa dhumaa tokko nikaafama walitti qabameeti dalagaa isaarraa gaafatamee galata argata jechuudh. Waayeen guyyaa qiyaamaatti amanuu kun qabxii asii gadii kana uf keysaa qabata.   

 1 -gaafii qabrii, azaabaa fii qananii isiikeysaa dhugaoomsuu. jechuun namni yeroo duee awwaalame nikaafama, nigaafatama, Rabbiin kee eenyu?  Nabiyyiin kee yoo eenyu? Amantiin tee yoo tami? gaafii jettuutu itti dhihaata,  yoo qajeelaa tahe sirritti deebisa yoo jallataa tahe ammo deebisuu hindandayuu ni qixaaxama. Waayee azaaba qabrii yogguu dubbatu Rabbiin s.w. akkana jedha.

"Ganamaafii galgala ibidarra fidaman (azaaba qabriirra). Guyyaa qiyaamaan dhaabbattu warra firoownaa ibidda hamaa seensisaa"

Akkuma hadiisa sahiiha keessattis bal'inaan dhufee jirutti.   2-ALBA'ISU [kaafamiinsa]  kun jechuun afuufinsa 2ffa irratti hundi namaa nikaafama. Kanas qur'annii ibsee jira.

"Warren kafaran akka hin kaafamne kijibaan dubbatan. Jedhiin lakki rabbi kiyyatti kakadhee nikaafamtan waan dalaydan ni odeeffamtan kuni rabbirratti salphaadhaa."

Akkasuma hadiisa bukhariif muskim keysatti Nabiin s.a.w. akki jedhe- '' namni guyyaa qiyaama nikaafa mila qullaa, qaama qullaa, kan hinkittaanamin tahee". 

 3-ALHISAABU WAL JAZAA'I [qorannoofii galata] kana yogguu jennu   Namni hundii guyyaa qiyaamaa kaafameeti fuula Rabbiitti dhihaatee toltuufii hamtuu waan dalagee irraa gaafatama.  galata irratti argata jechuudha. kanas qur’aanni bal’inaan ibsee jira

"Deebiin isaanii gama keenyatti eegasi qorannoon isaanii nurratti tahee jira."

4-ASSIRAAX  yoo kaan jennu dildila ibidda jahannamirra diriirfe kan namni jannata seenu hundi isarra cehu jechuudha.kan warri ibiddaa isarraa itti gadi kufu jechuudha.

5-ALMIIZAAN jechuun Guyyaa qiyaamaa san keysatti miizaanni haqaa dhaabbateeti hojiin nama toltuufii hamtuun irra kaayamtee madaalamti jechuudha. yoo toltuun ulfaatte jannata seena. Yoo hamtuun ulfaattemmoo ibidda seena.Rabbi irraa nu haa tiysuu.               

6ffaa--Qadara dhuga'oomsuu  kun hiikkaan isaa wanni namatti dhufu hundi gaariifii hamtuun isaatis Rabbumarraayi jedhanii, wanni nama tuqe namarraa hinmayxu, akkasuma wanni namrraa maqe nama hintuqxu jedhanii dhuga’oomsuudha.

walaloo utubaalee iimaanaa.

jahan iimaanaa walbarsiisi.

Rabbiin jiraataa dhuga'oomsii.

tokkummaa isaatis mirkaneysii.

ibaadaa tee isaaf qulqulleysii.                                                                                

 itti amanii malaykaasaa.

gabroottan gaggaarii ogeysaa.

hedduu teysoon saanii samii keysaa.

ittin dilaawan ajaja isaa.

 dhugaa kitaabni Rabbiin buusee.

kan anbiyoota saa barsiise.

Qur'aana isaa hunda caalchisee.

K an nabiin keenya aalamaan ibsee.

   itti amannee ergamtootaa.

ilmaan namaatiif barsiistota.

shirkii fageysan karaa fokkataa.

 towhiidan ibsan qalbii ummataa.

 dhuga'oomsi guyyaa qiyaamaa.

yowmul hasrati wannadaamaa.

guyyaa kaafamaa guyyaa galataa.

jallaan azaabaa gaariin jannataa.

 qadara jaheysaan isaatii.

gaariifii hamtuun waan dhufeetii.

feedhii Rabbiitiif murtii isaati.

katabee kaayee bekkomsa saatii.

ihsaannis beekaagaa tolchuudhaa.

ibaadaa Rabbii sirreysuudhaa.

akka waan laaltee gartuutti gabbarii.

ati arguu baattus si argaa barii.

 waan himneef daliilan dhiheysaa.

hadiisa jibriil muslim keysaa.

dhufee ol seene nama fakkaataa.

fuul dura nabii taa'ee gaafataa

 uffanni adiidhaa rifeensaa.

gurraacha gaarii dargaggeysaa.

akhbirnii anil islaami jedhaa.

nabiin tartiibaan deebisaa godhaa.

yaarabbii guddaa nugargaarii.

gaafii qabriidhaa aschaggaarii.

ka'ati gargaartee deebii argataa.

teenya nuuf godhii caffee jannataa.

awwalamnaan ilmi namaatii.

malaykaan lamaa itti buutii.

man Rabbuka jechuun gaafatamaa.

Nabbiyyiifii diin isaas nihimaa.

muiminni sirritti deebisaa.

jallaan rifatee ija babaasaa.

jawwedhaa nyaataa qurxaan tumamaa.

muimintootaaf jannataa banamaa.

Dhugaoomsi guyyaa qiyaamaa.

yowmul hasrati wannadaamaa.

guyyaa kaafamaa guyyaa galataa.

jallaan azaabaa gaariin jannataa.

guyyaan qiyaamaa rifachiisaa.

magan hammeenya isa keysaa.

hoosiistuu ilmoo irraanfachiisa.

tan garaa qabdus ilmoo irraa baasaa.

mizaanni haqaa nidhaabbamaa.

hojiin namaa nimadaalamaa.

kheyriin ulfaannaan tasaa milkumaa.

yoo haffallattee ibiddatti deemaa.

kitaabaa niqoodan hundaafuu.

hojiinsaa tokkos keysaan hafuu.

mirgaan kennamaa warri jannataa.

warri azaabaa bitaan fudhataa.

way rakkoo nu eeggatu xaaxaa.

irra cehuuf teenya siraaxaa.

hokkon jahannam kaanis korrooxaa.

kunis butamee itti gadi xiixaa.

jannata teysoon mu'imintootaa.

qananii miaawaadhaan guutaa.

qal'aa sireewwan laggeen jannataa.

rahmata keetiin nuuf kenni gooytaa.

nyaataa dhugaatii qananiisaa.

huural eyni fuudhan aruusaa.

ee huurun maqsuuraatun filkiyaam.

dueendulloomuu jiruu zalaalam.

kufaarri niseena jahiimaa.

lugaamnisaa kum torbaatamaa.

tokko malaaykaa kum torbaataama.

harkisee fidaa dirree qiyaamaa.

kufaraafi jallaa xamaamaa.

hidhameeti itti darbamaa.

beelaafii dheebuudhaanis gubamaa.

hamiim dhuge zzaqquum nyaachifamaa.

jahannamirraa uf fageysii.

aqiidaaf ibaadaa sirreeysii.

 qabrii awliyaa jinniifii dhagaa.

 gabbaruu dhiisii qabadhu dhugaa.

 dhugaan sun towhiida Rabbiitii.

 ma'ina laa ilaaha illallaahuti.

nabi muhammad ergaa Rabbiitii.

 jedhii hordofii karaa isaati.

Eegaa barnoota imaana kana baradhaa, aqiidaa tana qabdhaa.

Aqiidaa tana sirreysanii qabachuun, ummata muslimaa  ni kabajji, niguddisti. akkasuma, aqiidaan tun ummata niqulqulleysiti, wal jaalachiisti, badhaadhina adduniyaaf aakhiraa gonfachiisti. kunis kan dubbatame Qur’aana keysatti rabbiin s.w. akkana jedhe. 

"Osoo warrii magaalattii amanannii Rabbisodaatanii silaa barakaalee samiifii dachirraa isaanif banna. Garuu ni kijibsiisan waan isaan hojjataniin isaan qabne"  suuraa a'iraaf 96.

Dhumarratti-ummata keenya aqiidaa tana jabeysaa qabadhaa. kunoo duula nama muslimaa jallisuudhaaf deemaa jiru nigartan. humnaafii tooftaa adda addaa tiin gargaaramee. Egaa wanni duula sheyxaana namaatiifii jinni kana ufirraa dhoowwaniin beekkomsa aqiidaati. aqiidaa baradhaa walbarsiisaa irratti jajjabaadhaa qabadhaa.

afaan kee filadhu