Sadarkaa ji’a Muharramiifii soomana Guyyaa Aashuuraa

Jiini muharram kan akka lakkoofsa hijraatti ji’a 1ffaa jalqaba waggaati. Jiini kuni sadarkaa guddaa qaba. Guyyaan 10ffaa isaa aashuuraa jedhama, innis fadlii guddaa qaba, soomanuunis barbaachisaadha.

 Rabbiin s.w. akkana jedha.

“Lakkoofsi ji’ootaa Rabbi biratti gaafuma samiifi dachii uume kitaaba Rabbii keessatti ji’a kudha lama. Isaan keessaa afur kabajamoodha. Sanatu amantii sirriiti. Isaan keessatti lubbuu keessan hin miidhinaa. Mushrikootas, akkuma isaan tokko ta’anii isiniin lolan; tokko ta’aatii lolaa. Dhugumatti Rabbiin warra isa sodaatan wajjin ta’uu beekaa.”

Suuraa towbaa 36

Abii bakraa r.a. irraa odeeffamee Nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe

  “ zamanni akka fakkii isaa kan guyyaa Rabbiin samii fii dachii uumeetti naannawee jira, waggaan ji’a kudha lama, isiirraa afur kabajamtuudha, sadihi walitti aanti zulqi’idaa, zulhijjaah,muharram, Akkasuma rajaba gosti mudar kabajju kan jimaada boodaatiifii sha’ibaana jiddutti tahe”

bukhaariitu odeesse

Egaa Ji’a muharram kana keessa wanti guddaan argame, Injifannoon ifa galaan, Dhugaan kijiba mooyatte, waqtii Rabbiin nabi Muusaa a.s.fi tuuta isaa nagaya baasee fir’oowna fi tuuta isaa ammo bishaanin liqimsiise, guyyaa sadarkaa fi kabajaa guddaa qabu, guyyaan kuni guyyaa kurnaffaa ji’a Muharram irraayi innis guyyaa Aashuuraa jedhamee yaamama.

Hadiisa Muslim Sahiiha isaa keessatti baase-Abii hureeyraan Rabbi irraa haa jaalatuu akka odeessetti, Ergamaan Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan:

Erga soomana Ramadaanatii soomanni mindatti irra caalumsa qabu ji’a Muharram jettanii moggaaftani, irra caaltun salaataa salaata dirqamaa booda; dhaabata halkaniiti”

Ammas Sahiiha keessatti ibn Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu guyyaa Aashuuraa irraa gaafatamee jennaan akkana jedhe: “ Ani Rasuula Rabbii nagayaa fi rahmanni Rabbii isaanirra haa jiraatuu hin agarre isaa soomee sooma san keessatti sadarkaa ittiin barbaadu soomana guyyaa Aashuuraa fi Ramadaana malee’’. Akkasumas, Hadiisa Sahiiheeynii keessatti Ibn Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu akkana jedhe : “Ergamaan Rabbii S.A.W yeroo Madiinaa dhufan Yahuudan isaanii guyyaa Aashuuraa sooman argan, ergasii Rasuulli S.A.W akkana jedhaniin: “ Maali guyyaan soomtan kun?” jarris akkana jedhan: kuni guyyaa guddaa Rabbiin Muusaa fi tuuta isaa nagaya itti baase, Fir’oowni fi tuuta isaa ammoo bishaanin liqimse(fudhate), Muusan galata Rabbii isaatif soomanee, nutis soomna! Ergamaan Rabbii S.A.W akkana jedheen : “ Nuti warra isinirra Muusatti haqa godhatuu fi dura aantota” Ergamaan S.A.W ergasii soomanii akkasuma soomana isaatitti ajajan. Caalumsa ajrii ji’a Rabbii Muharram irraa ammas sooma guyyaa Aashuuraa kana keessa diliin waggaa dabree dhiifama ,

Hadiisa Muslim Sahiiha keessatti Abii Qataadan Rabbi irraa haa jaalatu Namtichi tokko ergamaa S.A.W waayee soomana guyyaa Ashuuraa irraa gaafatee akkana jedhan: “ Dilii waggaa dabree akka naaf dhiisu Rabbirraa herreegadha.” Sahiiha Muslim keessatti, Ibn Abbaas Radiyallahu anhu akkana jedhe: Waqtii Ergamaan Rabbii S.A.W Soomanii akka soomamu ajajan (sahaabdonni) akkana jedhan: yaa Ergamaa Rabbii kuni guyyaa yahuuda fi Nasaaran kabajju, Rasuulli S.A.W akkana jedhan: “ yoo waggaan itti aanu dhufe fedhii rabbiitin guyyaa saglaffallee soomna”. Jechuunis, kurnaffaa wajji soomna-warra kitaabaa(Yahuuda fi Nasaaraa) faallessuuf jecha. Ibn Abbaas akkana jedhe: osoo waggaan suni hin deebi’in Rasuulli Rabbii S.A.W duniyaa kanarraa deemaan.

Rabbiin Bara haarawa kana kan bu’aa Islaamaa fi Muslimaa qabu haa taasisu!

             

afaan kee filadhu