shirkiin badii guddoodha

Shirkii jechuun Rabbii gaditti waan gabbaran godhachuu jechuudha.

fakkeenyaaf qabroota, qubbii, dhagaa, muka, galma, hadraa, oofaa, fii kkf, hunda itti deemanii kadhachuun, haajaa itti himachuun, barakaa irra barbaaduun, shirkii guddoo islaamarra ala nama baaftudha. keysaawu Qabroota awliyaa maqaa jedhuun moggaafamee, Qubbiin iraatti jaaramee gabbaramu hedduutu jira. Fkenyaf-sheka baalee anaajinaa, shek abaadir,  ahmad umar, gooftaa danbii, shek ibraahiim billisaa, sayyid aabbiyyoo, awsaid, sayyid harar,  kkf/  Rabbii gaditti gabbaramaa jiran. Namoonni kumni hedduun itti yaa’ee gabbaraa jira. Ka ilmoo dhbe ilmoo kadhata,  

kuun qabeenya kadhata,

 kuun fayyaa kadhata,

 kuun umrii dheerina kadhata,

 kuun rooba kadhata.

Akkatti guutumaan guututti Rabbitti kafaree waan ibaadaa jedhame hunda lafee qabrii keessaatti biyyooyteef godhe.

Kunoo namni gariin kan qakbiin isaa shirkiidhaan dukkanooyte kan yeroo muudarraa galaaf ka'e dibbee dhayee akkana jedhee shubbisuutu jira.

Galaaf kaanee Roobaan nu geegessa'aa.

Bahra keenya umrii nu dheeressa'aa

subhaanaLlaah! Rooba roobsuufii umrii dheeressus qabrii- bahra jedhee gabbaru san- kadhate. Kaafira hamaa mushrika  jallataa badaa! Rabbumaawu hinbeeku. Qabrima san taabota godhatee gabbara.

Kan birootis akki jedhee shubbisu.

Salaam aleyka huseyniyyaa.

Salaam aleyka abbaa kiyyaa.

Osoon siyaamu lukkuun iyyaa.

Sumaan jiratte lubbuun tiyyaa.

Kuni ammoo huseyniyyaa inni gabbaru santu lubbuu isaa jirachisa jechutti amaneeti gabbaraa ibaadaa godhaafii jira.

Kuunis akki jedhe

sayyida koo ani sumaan faarsaa

 atummaan naaf tahi gargaarsaa

Akka kanatti ummanni hedduun kafaree karaa dukkanaa deemaa jira. qabrootaa fii qubbiiwwan kanaaf gosti ibaadaa hundi godhamaa jira.

Qabriin xawaafuun isiif sujuuduun,isiif qaluun, kadhachuun, dhungachuun,

biyyee isii nyaachuufii dibachuun waan bal'inaan achiti dalagamu irraayi.

Kuni hundinuu shirkii guddoo nama kafarsiiftu. mowlidaa, dibbee tumanii shubbisuu, manzuumaa, fii kkf  obboleyyanuma shirkiiti. tanaafuu haalan irraa fagaachuu barbaachisa.

afaan kee filadhu