ffaa Towhiidad fi qooda isaa.
Yaa muslimtoota! Barnoonni Towhiidaa (Tokkummaa Rabbii) Irra caalaa barnoota hundaati. Towhida dhugaoomsuun, barachuun, barsiisuu fii itti nama gorsuun dirqama islaamaa kan duraati. towhindi bu’ura amantiin isarratti dhaabbattu. Ajajni Rabbii kan duraa towhiida.
towhidni dameelee 3 qaba.
Isaanis towhiida goytummaa, towhiida gabbartii, towhiida maqaaleeti fii sifaataati. kanneen keeysa towhiida maqaaleefi sifaataa amma balinaan laalla.
Towhiida maqaaleefii sifaataa yommuu jennu:-
1)-Rabbiin maqaalee gaggaarii ittiin isa kadhatan qaba. maqaalee akka isaa tokkolleenuu hinqabu, jennee dhuga’oomsuudha.
2)-Akkasuma sifaata Rabbii ni sabachiisna (mirkaneysina) itti amanna. Sifaata Rabbiin ufiin dubbatetti fii tan nabi Muhammed s.a.w. hadiisatti Rabbiin wassafe hundatti ni amanna.
Sifaata Rabbii hunda Rabbiif sabachiisuu qabna. jallisuufii qulleysuun maletti, fakkeysuufii akkaateysuun maletti. sifaata Rabbii kanneen asii gadii kana hunda akkuma dhufetti rabbiif sabachiisuufii itti amanuun dirqama.
1-Rabbiin uumaa isaatii olitti oltahuu isaa nidhuga'oomsina, niamanna.
2-Rabbiin waa hunda beekaadha.
3-Rabbiin dhageytiifii argaa isaan malte ni qaba jenneeti amanna.
4-Rabbiin muimintoota isaa nijaalata.
5-Rabbiin niaraarama rahmatallee nigodhaa ni amanna.
6-Rabbiin nijaalataa nijibbaa, nidallana nilolas ni dhuga’oomsina.
7-Rabbiin gabroottan isaa jiddutti murtesuuf nidhufa guyyaa guyyaa qiyaamaa dhufiinsa isaan malu.
8-Rabbiin fuula isaan malu niqaba.
9-Rabbiin harka lameen isaan maltu niqaba.
10-Rabbiin ija isaan maltu niqaba.
11-Rabbiin arshii isaarratti ol taheejira, zaata isaatiin, haqiiqumaan. oltahiinsa isaan malu kan wahitti hinfakkeyfamne. Arshirratti oltahuu isaa kana Rabbiin Qur'aana isaa keysatti bakka 7tti dubbate. bakken sunis kunoo kanneen kana.
Akkasuma hadiis heddutti waan dhufeef ni dhuga'oomsina. o'ltahiinsa isaanmalu, kan akkaataan isaa hinbeekamne, kan wahitti hin fakkeyfamne jenna.
-Arshirratti oltahuu isaa hinmorminu, jecha Rabbii s.w. bakkarraa hin jallisnu, hikkaa isaa hinmicciirru, akka garee jallatte tan jahmiyyaa fii ahbaashitti.
warreen waswaasa jallinaa kan warra kalaamaa Qabachuudhaan aayatoota sifaataa jallisan nimormina.
Rabbiin kan isarra isa beeku hinjiru waan taheef jechuma isaati qabanna.
Akkasuma Rabbiin uumaa isaa takkattillee hinfakkeysinu.
12-Haasawa Rabbiitti niamanna. qur'aanni haasawa Rabbiiti isumaatu dubbate, Isumaatu buuse, hundii isaa dhugaadha. Qur'aanni uumamaa miti. Gareen jallatte (Ahbaash) qur'aanni jecha Rabbiitii miti jettu niabaarra. nimormina.
walaloo towhiidaa
akeekkadhaa hundi namaatii.
Sadihi dameen towhiidaatii.
Rubuubiyya kaaliqumma saati
kan hunda uumee kophaa isaatii
jahannamirraa uf fageysii.
hojjadhu ibaadaa sirreysii.
qabrii owliyaa jinniifii dhagaa
gabbaruu dhiisii qabadhu dhugaa.
dhugaan sun towhiida Rabbiitii.
mainaa laa ilaaha illaLlaahutii.
Nabi muhammad ergaa Rabbiitii
jedhii hordofii karaa isaatii.
akeekkadhaa hundii namaatii.
sadiihi dameen towhiidaatii.
rubuubiyya kaaliqummaasaatii
kan hunda uumee kophaa isaatii.
kuun gabbaramaa haqaa tahuu.
ibaadaan isaaf qulqullaawuu.
ajaja isaa qalbiin dhagahuu.
walaa ta'ibuduu illaa iyyaahuu.
qoonni towhiidaa kan sadeysaa.
asmaa'aaf sifaataa dhageysaa.
jedhe faliLlaahil asmaaul husnaa.
fad'uuhu bihaa ittiin milkoofnaa.
Ilaahii RahmaanuRahiimuu.
Malikuun Qudduusun Salaamuu.
jennee yaa Gafuur nuu araaramuu.
kaatimaa tollee shahaadaan deemuu.
Ilaahii Aliimun Hakiimuu.
taqwaaf hidaayaa nutti arjoomuu.
zaalimtoonni diin balleysuu deemuu .
kasaaree kufee badee dhabamuu.
garee ahbaashaa diin balleysa.
abbaan irree godheef gargaarsa.
dirqamaan filee humnaan leenjisaa.
waliqqooyti aoon waraabeysaa.
yaa kan oltahee arshii isaarraa.
rahmata raabsee harka isaarraa.
nurraa dhowwi kufrii zaalimiinaa.
nuufidi nasrii diin keenya kanaa.