ffaa Utubaalee islaamaa

Hundee baruumsa kanaa ,hadiisa jibriil bifa nama dargaggeysaatin uffata addeyfate. kan rifeensi isaa gurraachaa, Nabii keenyarratti s.a.w. ol seenee fuula dura taa'ee gaafate, Yaa Muhammad islaamummaa rraa naaf odeessi (nabarsiisi) jedheen?  Nabiin keenya s.a.w. islaama jechuun Ragaa bahuu keeti gabbaramaan dhugaa Rabbi malee akka hin jirre nabi muhammadis ergamaa isaa tahuu…jedheeti itti fufe..barsiise.-

1ffaa-shahaadaa lameen.

Shahaadaa jechuun Ragaa bahuu jechuudha, jechi isiitis kana "Ash hadu an laa ilaaha illallaahu, wa ash hadu anna muhammadan rasuulullaah" haqaan gabbaramaan Allah malee hinjiru jedhanii  Ragaa bahudha.  akkasuma nabi Muhammad s.a.w.ergamaa isaati jedhanii dhugaoomsuu dha..

2ffaan-salaata dhaabuu.

kana jechuun  halkanii guyyatti yeroo shan salaatuudha. seraafii akkataa isii guutanii, baratanii, tolchanii salaatuudha.

salaanni darajaan (sawaabni isaa) haalaan guddaadha. Kanarratti Rabbiin s.w. akkana jedha "salaata dhaabi salaanni badii fokkattuufii jallina jibbamarraa nama dhoowwiti " qur'aana.

Nabiin keenyaas s.a.w. akkana jedhan "Fakkiin salaata shananii akka fakkii lagaa bishaan guutuu kan hulaa mana tokkoo keysanii keysa yaa'uuti, kan guyyarraa yoggu shan isarraa dhiqatu sa xurii isaarraa waa isarratti nihafaa?" jennaan.

sahaabonni lakki hin hafu jedhaniin. ''salaanni shananis fakkiin isaa akkana,isaan Rabbiin nama qulqulleysa badirraa"jedhaniin.  muslimtu odeesse.

 Ammas salaanni utubaa islaamaati namni isa dhaabe amantii isaa islaama dhaabee jira.

kan salaata diige (Dhiise) amantii isaa diigee jira.

Ammas salaanni dura waan namni guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamuuti , isiin tollaan hojiin isaa hundi toltee fudhatama argatti. ammoo yoo isiin ir'atte hojiin isaa hundi bu'aa dhabdi.

akkasuma salanni ifaadha.

Waayee bal'ina barnoota kanaatiif  kitaaba kiyya kan Barnoota xahaaraafii salaataa jedhu dubbisaa.

3ffaan-Zakaa baasuu.

kana jechuun qabeenya qabnurraa waggatti harka beekamaa tahe kan seeraan taae tokko hiyyeeysaa kennuu(gargaaruu) jechuudha.

Fakkenyaaf:-maallaqa bilchoofii meeshaalee daldalaa irraa 2.5% baasuu, midhaaniifii oomisha qonnaa irraa 10%  akkauma beyladoota akka gala horii reefii hoola irrayis herrega seeran taa’e baasuudha.                                    

4ffaa-Ji’a Ramadaanaa soomanuu.

Kana jechuun waggaa waggaan baatii Ramadaanaa soomanuu jechuudha.

   yookaan Guyya guyyaa fajrii barii irraa kaasee hanga aduun seentutti- ibaadaa Rabbii itti niyyatanii-nyaata, dhugaatii, qunnamtii saalaa godhurraa ufqabuu (agabuu ooluu) jechuudha.  kanaan Rabbi gabbaruu jechuudha. Yeroo kana toltuu akka zikrii, sadaqaa, qaraatii qur’aanaa, du’aaii’ salaata sunnaa, fii kkf heddumeysuu barbaachisa.

 Akkuma san hamtuu fii dilii gosa hundarraawuu fagaachuudhaan towbaa heddumeysanii uf qulqulleysuun barbaachisaadha. Waayee soomanaa Ramadaanaa fii heera isaa balinaa kitaaba kiyya kan seera soomana Ramadaana jedhurratti ni argattan.

5ffaa-hajjii mana Rabbii makkaatti godhuu.

KanaJechuun Namni dandeeyti human diinaggee qabu martinuu umrii isaa keysatti yoggu takka kara biyya makkaa deemee dhaqee sirna ibaadaa hajji godhuu jechuudha. kunis fadlii sadarkaa guddaa qaba. Barnoota waayee hajji fii umraa laalchisee  kitaaba kiyya kan heera hajjiifii umraa jedhu keysatti laaladhaa.

walaloo utubaalee islaamaa

shanan islaamaa hubachuudhaa.

shahaadaa lameen durri isaadhaa.

tokkummaa Rabbii ragaa bahuudhaa.

Nabi muhammad ergaa isaadhaa.

salaata gadi dhaabuun lammeysaa.

baranii tolchanii sirreysaa.       

utubaan diin kun dhaabbatuun isaa.

 hadaraa hunduu qabaa jabeysaa.

 zakaa baasutu itti aana tartiibaa.

eggataa sharxiifii hisaabaa.

barakaa diiniif duniyaa qabaa.

godhaa sadaqaa fudhaa sawaabaa.

 Rabbiif soomanuutu itti aanaa.

baatii gamachuu ramadaanaa.

nurraa qeebalii ati mowlaanaa.

nuun jedhi hulaa rayyaan san seenaa.

shaneysaan gammachuu umriitii.

 hajjii godhuu beytii Rabbiitii.

akka waan guyyaa san dhalateetii.

gala araarama argateetii.

afaan kee filadhu