Naamusoota islaamaa

Nabiin s.a.w. akkana jedhan"Jannata hinseentan hanga amantanitti,hinamanne hanga waljaalattanitti,mee waan yoo isa hojjattan waljaalattan isinii himuu? Salaamtaa heddummessaa jidduu tessanitti."muslimtu galmeesse.

1-Muslima hundarratti salaammatuu.

Kamii hojii islaamaattu caala jechuun gaafatame nabiin s.a.w. Akkana jedheeti deebisaa godhe "nyaata nyaachista,salaamtaa qaraata nama beeytuufii kan hinbeynerratis"

2-Salaamtaa daddafsiisuu.

Nabiin s.a.w.Akkana jedhe " caalaan isaan lameenii ka salaamtaan jalqabe" bukhaariif muslim.

Ammas nabiin akki jedhe''xiqqaan guddarratti haasalaammatuu,kandeemu kataa'urratti haasalaammatuu,namni lakkoofsaan waaxiqqoon heddurratti haasalaammatuu''bukhaaritu odesse.

3-Salaamtaa deebisuu

Dura salaamtaa jechuun sunnaa jaalatamtuu, ammo deebisuun waajiba dirqama.salaamtaa ta sagaalee taatuu ta barruu taatuu yogguu siin jedhamte deebisuun dirqama,abbaa jedhe san gartuu arguu baattuu,

Aayyoo Aaishaan R.A. akki jette Nabiin s.a.w. akkana naan jedhe "yaa Aaishaa jibriil kanaatu salaamtaa siin jedha" jennaan isiinis osomaa isa hin argin wa'aleyhissalaam warahmatuLlaahi wa barakaatuhuu''jette. Bukhaaritu odeesse.

4-Salaamtaa irra deddeebi'uu.

Nabiin s.a.w. akkana jedhan"tokkoon keysan obboleessa isaatti yogguu dhaqe haa irratti salaammtuu,egasii yoo gidaarri,yookaa,dhagaan,yookaa mukni isin jidduu bahes irrumatti salaammadhu''abuudaawud odesse.

5-Yeroo salaamtaa harka walfuudhuu.

Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan''Kanuma tahee haa tahuu muslitoonnni lama walitti dhufanii harka walfuunaan osoo isaan addaan hin bane isaaniif araaramamu malee hin hafan."abuu daawudUodeesse.

6-Joollee daaimarratti salaammatuu.

Anas ibnu maalik R.A.  akki jedhe Nabiin keenya joollerra dhufeeti irratti salaammate jedhe'' muslimtu odeesse.

7-Salaamtaa yeroo deemsaaf ka'anii.

Nabiin s.a.w.akkana jedhe''tokkoon keysan teessootti yoo dhufe haasalaammatuu,yoo taa'uu fedhe haataa'uu,eegasii yogguu ka'u haa salaammatuu,ta duraa ta boodaarra jabeyfamtuu miti''tirmizii fi abiidawud odesse

8-Salaamtaa barruufii midiyaarraa dhufte deebisuu.

Sheek abdul'aziiz ibnu baaz Rabbi rahmata isaa haagodhuu akki jedhe''bekka akkanaa tanatti salaamtaa deebisuun fardii walirraa gutani.inni hedduu ummataatii waan salaammatuuf gariin isaanii deebisnaan nigaya.ammoo haatahuu irra caalaan hundi nama dhagayee deebisuun barbaachisaadha.ragaan kan waliigalaa waan taheef.'' Majmuu'a fataawii ibnubaaz693\9.

Naamusa teysumaa.

1-yeroo dhufanii fi yeroo deeman salaamtaa jechu.

Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhe (Tokkoon keessan yeroo teessoo gaye haa salaammatuu,yoo taa'uu fedhe haa taa'uu, eegasii yogguu ka'ee deemu haa salaammatuu, tan duraa taboodaarra hincaaltu,(tan boodaa tunis akkuma tan duraatti jabduudha).

2-bakka teessumti itti dhaabbatte taa'uu.

Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhe (Namtichi namticha teessoo isaa irraa hinkaafatin ufiif achi taauudhaaf jecha, garuu ammo walduraa siiqaa waliif ballisaa)bukhaariif muslim.

3-Faaruu Rabbiitii fi Rahmata nabirratti buusuudhaan teysuma booharsuu.

Nabiin s.a.w. akkana jedhe (ummanni tokko teessoo isii keessatti Rabbiin hinfaarsin takka taa'anii hoongoon isaanirratti taatu malee hin hafan,-gaabbii fi sheenaan jechuudha-yoo fedhe isaan azzaba yoo fedhe isaaniif araarama) Tirmiziitu galmeesse.

Faaruu rabbi san keessaa tokko istigfaara godhuudha. Abdallaah ibnu umar akki jedhu.nabiin s.a.w. teessoo takka keessatti yoggu dhibba Rabbig firlii watub alayya innaka anta ttawwaaburrahiim) Abuu Dawuud odeesse.

4-Namoota gaggaariin wajji taa'uu.

Nabiin s.a.w. akki jedhe.Muimina malee hinsaahibin,nama rabbisodaatu malee nyaata kee akka hinnyaanne.)Abuu Daawudiifi tirmiziitu odeesse

5-walhamachurraa fagaachuu.

Abuu hureyraan r.a.Nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe,(hamachuun maal akka tahe beeytuu?)Rabbumaafii rasuula isaattu beeka jedhaniin.(obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha).yoo wanniin ani isaan jedhu sun tan inni qabu taateyoo? Jennaan. (yoo waanni ati jetteen sun tan inni qabu taate isa hamattee jirta, yoo tan inni hinqabne taate cubbuu isarra keessee jirta) jedhe. Muslimtu odeesse

6-kofla heddummeessurraa dhoowwamuu.

Nabiin s.a.w. akki jedhan,(kofla hin heddummeysinaa,kokoflaa ooluun onnee nama ajjeefti.)ibnu maajah odeesse

7-Nama biratti deeqqifachuun jibbamaadha.

Abdillaah ibni umar akki jedhe: namtichi tokko nabiin biratti deeqqifate. Nabiin akki jedheen,(Deeqqifatiinsa kee kana nurraa uf qabi, irra quufaan isaanii addunyatti irra beelawaa isaaniiti aakhiratti) tirmiziitu odeesse

8-du'aaii araarsituu dogoggora teeysumaatiif.

Nabiin s.a.w. akki jedhe (namni teessuma takka taa'ee guddisee wace,-haasawa badii haasawe-osoo teessuma isaa sanirraa hinkaane ka akkana jedhe, subhaanaka allaahumma wabihamdika,ash-hadu anlaailaaha illaa anta astagfiruka, wa atuubu ileyka,-kan jedhe wanni teessoo isaa san keessatti tahe isaaf araaramamu malee kan hafu hintaane.)tirmizii odeessee albaaniitu sirreesse.

Naamuusa kadhaa Rabbii (Du'aa'ii)

Rabbiin s.w. akkana jedhe.''sa inniin rakkataadhaaf awwaatu yeroo inni kadhate,kan rakkina furmaata godhu kan bakka buoota dachii isin godhe  akka gabbaramtoota dharaa nitahee? (Abadan hintaane jechuu).Allaahaan wajji gooftaan biro nijiraa?garuu isin Waa xiqqoodha gorfamtan.

1-Rabbi faarsuu.

Bureydaan r.a.akkana jedhe.. nabiin s.a.w.  namticha tokko kan akkana jedhee Rabbi kadhatu dhagayan \Allaahumma inni as'aluka annii ashhadu annaka natallaahu laa ilaaha illaa anta,al ahadussamadu,allazii lam yalid walam yuulad,walm yakun lahuu kufuwan ahad\ nabiin ni jedhan dhugaa rabbiin kadhatte maqaa isaa guddaan, ka yoo isaan kadhatame namaa kennu,kan yoo isaan yaammatame namaa awwaatu.  Abuudawud galmeesse. "

-2-yeroo qeebqltii filachuu.

Yeroon kadhaan Rabbii qeebalamtu saa'aa dhumaa guyyaa jim'aa irraa,yeroo bariisaa, yeroo sujuuda keysaa,yeroo azaanaafii iqaamaa jedduu.

3-harka lameen olqabuu.

nabiin s.a.w. akkana jedhan''Rabbiin keessan oltahee kabajamee jiraataa arjaadha,yoggaa gabrichi isaa harka lameen isa jala ol qabatee isa kadhate qullaa gadi deebisuu niqaanfata''abuu dawud odesse.

4-kadhaa jajjabeysuu fii yoggu 3 irra deddeebiuu.

Nabiin s.a.w. akki jedhan ''Tokkoo keysaniif kadhaan niawwaatama waan hin jarjarsiifatiniin,kadhadhee homaa naaf hin awwaatamne waan hin jedhiniin'' bukaariitu galmeesse.

Abdellaa ibnu mas'uud akki jedhe,nabiin s.a.w. yoggu kadhatan yoggu 3 irra deddeebian ,yogguu gaafatanis yoggu3 irra deddeebian.'' Muslimtu odeesse.

5-lubbuu ufii,qabeenyaa fii ilmaan abaaruu dhabuu.

  • Nabiin s.a.w. akki jedhan lubbuu teessan uf hin abaarinaa,joollee teessan hin abaarinaa,qabeenya keessan hin abaarinaa,yeroo rabbirraa kadhaan kennamtu mudattanii isinitti qebalamuutu sodaatamaa.'' Muslimtu odeesse.

6-obbolessa fagoo jiruu du'aaii godhuu.

Nabiin keenya s.a.w. akki jedhan ''kadhaan rabbi tan muslitichi  obboleessa isaa kan fagoo jiruu godhu qeebalamtuudha.mataisaa birratti malaaykaan tokko ramadameeti,yeroo inni obboleessa isaatiif toltuu kadhate hunda malaaykichi sun Rabbi haa qeebalu siifis fakkaata kana haa kennu , jedhaan.'' Muslimtu galmeesse.

7-Rizqii halaala qofarratti gabaabbachuu,bololuu.

Abbaa hureyraa r.a. irraa odeeffamee nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe, namticha karaa dheeraa deeme tokkorraa dubbatee dhukkaawaa faaggawaa kantahe harka isaa kara samii oldiriirsee –yaarabbi yaarabbi (jedhee kadhataa) eeysaa kadhaan isaa isarraa qeebalamti! Nyaanni isaa haraamii, dhugaatiin isaa haraamii, uffanni isaa haraamii''muslimtu odeesse.

Naamusa nyaataa fii dhugaatii.

Rabbiin s.w. akkana jedhe''Yaa warri amantan gaggaarii waan nuti isiniif kenninerraa nyaadhaa,Allaahaaf galata galchaa,yoo ka isaqofa gabbartan taatan.

1-Harka mirgaatiin nyaachuu.

Salamata ibnulakwaiR.A. akkana jedhe'namtichi tokko Rasuula Rabbii biratti bitaan nyaate.Nabiin s.a.w.'' mirga keetiin nyaadhu''  jedheen.hindandayu jedheen,''hindandayin''jedheen.boona malee wanni isa dhowwe waa hinjiru.duuba waa isii san afaan isaatti ol hinfuune jedhe.muslimtu odeesse.

2-Jiddu jireessa tahuu.

Rabbiin s.w. akki jedhe''nyaadhaa, dhugaa,hinballeysinaa inni balleysitoota hinjaalatu.''suuraa airaaf.

3-Jalqaba nyaataa irratti bismiLlaah jechuu.

Nabiin s.a.w. akkana jedhe''tokkoon keysan yeroo nyaata nyaatu bismillaah haa jedhuu,yoo duratti jechuu irraanfate yogguma yaadate bismillaahiawwalahuu wa aakirahuu haa jedhuu.''Abuu daawud odeesse,albaaniin sahiiha jedhe.

4-Nyaata eybessuu dhabuu.

Abbaan hureyraa R.A. Nabiin S.A.W.takkumaatuu nyaata hinfokkisne[hin arrabsine] jaalatu ni nyaata, yoo jibbe ni dhiisa''bukhariitu odeyse.

5-Walitti qabamanii nyaachuu.

Wahshiyyii ibnu harbii akki jedhe sahaabaan nabii s.a.w. yaa rasuula numa nyaannaa numa nyaannaa hinquufnuu maaluma?jennaan addababaatan nattyi fakkaata, jennaan ee jedhaniin.nyaata walitti qabamaa nyaadhaa,maqaa Rabbii irratti dubbadhaa,barakaatu itti isinii godhamaa jedheen."Abuudawud odeesse

6-Ergamtootan wajji nyaachuun barbaachisaa tahuu.

A bii hureyraan R.A.nabiin keenya S.A.W.akkana jedhan jedhe''Tokkoon keysan yoo kaadimni isaa nyaata isaa fideyoo teysisee wajji nyaatuu baate affan tokko afaan lama haa kennuufii,fuudhaa takka fuudhaa lama.isaatu bilcheeyseef waan taheef.''Bukhariitu odeesse.

7-Naamusa dhugaatii irraa

yoggu sadihitti dhuguu,meeshaan alatti hafuura baafachuu,waan dhugu afuufuu dhabuu.

8-Nyaata booda Rabbi galatoomfachuu.

namni yeroo nyaata isaarraa raawwate

jNabiin S.A.W. Akki jedhe namni cyaata nyaatee egasii "Alhamdu liLLAAHI Allazii ax'amanii haaza xxa'aama warazaqaniihi min gayri howlin minnii walaa quwwah"jedhe badiin isaa tandabarte hundi araarama isaaf godhamti

Ammas nabiin keenya s.a.w. akki jedhe Rabbiin gabricha isaarraa nijaalata nyaata tokko nyaatee irratti galata isaaf galchuu,yookaan dhugaatii takka dhugee galata isaaf galchuu''muslimtu odeese.

Naamuusa hirriibaa  

1-yeroo rafan wuduu'a godhachuu barbaachisa.

2-cinaacha mirgaa irratti rafuu barbaachisa.

3-duaaii fii zikrii yeroo hirriibaa qarauu barbaachisa.

Isii keessa takka tana

Baraai ilma aazib r.a. Nabiin keenya s.a.w. akkana naan jedhan jedhe."yogguu rafuuf kaate akkuma yeroo salaataatti wuduu'a godhadhu,eegasii cinaacha kee kan mirgaa irratti ciisi,eegasii akkana jedhi \ Allaahumma aslamtu nafsii ileyka,wawajjahtu wajhii ileykaa,wafawwadtu amrii ileykaa,wa'alja'itu zahrii ileykaa,ragbatan warahbatan ileyka,laa maljaa walaa manjaa.

4-Aayatul kursiyyii qarauu.

5-Qulhuwallaahu ahad fii qulauuzuu lameen harka keessatti qara'anii itti tufanii dibachuu yoggu 3.

6-Harka mirgaa mataa jala kaayyachuu.

7-firaasha irra rafan uffata ufirraa qaban gama keeysaatiin haxaawuu.

8-Gararratti ciisanii rafuu dhowwaadhaa tahuu beekuu

Naamusa karaa deemsaa.

 1-Kadhaa yeroo karaa deemaanii irratti bololuu

Abdallaah ibnu umar R.A. akkana jedhe, Nabiin keenya S.A.W. yeroo karaa deemuuf gala isaanii yaabbatan akkana jedhan jedhe,

Allaahu akbar Allaahu akbar Allaahu akbar,subhaanallazii sakhara lanaa haazaa wamaa kunnaa lahuu muqriniin,wa innaa ilaa rabbinaa lamunqalibuun,Allaahumma innaa nas'aluka fii safarinaa haazaa albirra wattaqwaa' waminal amali maa tardaa,Allaahumma hawwin aleynaa safaranaa haazaa,waxwi annaa bu'idahuu,Allaahumma anta ssaahibu fissafar,walkaliifatu fil'ahli,Allaahumma innii auuzu bika min waisaai ssafar,waka'aabatil manzar,wa suuil munqalabi filahli walmaal.

Yogguu deebie isii tanas qaraeeti,tana itti ida'a.''aayibuuna taaibuuna aabiduuna liRabbinaa haamiduuna''muslimtu galmeesse.

2-Ganamaan deemuu

Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan.(Yaa Rabbi ummata kiyyaaf ganama isaanii keysatti barakaa godhiif).

Ammas Nabiin s.a.w.yogguu waraana yookaan saylii ergan yeroo ganamaa keysa erguu turan. Abuu dawud odeesse.

3-Waahela wajji deem barbaaddachuu.

Nabiin s.a.w. akki jedhan osoo waan anibeeku kan rakkoo kophaa deemuun qabdu beekee ummanni silaa namni tokkichi kophaasaa halkan keeysa karaa hindeemu./bukhaariitu odeesse/

Ammas Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan "namni tokko kophaa karaa deemuun dalagaa sheyxaanaati,namni lama kophaa karaa deemuunis dalagaa sheyxaanaati,namni sadihi ammo wajji yaauun gaariidha./abuu dawud,tirmizii fii ahmad odeessan/

4-Maatiifii saahibbanitti dhaammatuu.

Qaza'aan akki jedhe ibnu umar akka nabiin natty dhaammatettin sitti dhaammadhaa koottu mee naan jedheeti ,eegasii ''Rabbitti si dhaame siifii diin keetii fii booddee hojii teetii tis''naan jedhe.abuu daawud odeesse.

5-Wajji kara deemtonni nama tokko ajajaa godhachuu.

Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan "namni sadihii yoo karaa wajji deeme tokkoajajaa haa godhatanii.''abuu daawud odeesse.

6-Kadhaa yeroo qubqtqnii.

Nabiin keenyaa s.a.w.akki jedhee''namni qubatee, auuzu bikalimaatillaahi ttaammaaati min sharri maa khalaqa, jedhe sheyxaanni isa miidhuu hin dandayuu hanga bakka sanirraa deemutti.''muslimtu odeesse.

7-Yeroo galu dura masgiidaan jalqabuu isa keysatti raka'aa lama salaatuu.

Ka'ibi ibnu maalik akki jedhe''Nabiin yogguu amnarraa galan masgiidatti dura galan isa keysatti raka'aa lama salaatan"bukaariitu odeesse.

8-Yeroo ol Koran takbiiraa godhu, yeroo gadi bu'an tasbiiha godhuu.

Nabiin keenya s.a.w. fi waraanni isaanii yogguu kaarra olkoran Allaahu akbar jedhan,yoggu dhooqa gadibu'an subhaanallaahi jedhan''abuudaawud odesse.

Asirratti xumurame galanni Rabbiif haa galuu.


afaan kee filadhu