Seera zakaa fixrii

Egaa zakaa fixrii jechuun sadaqaa yeroo soomana ramadaanaa xumuran dhuma isaarratti keennamtu jechuudha. Faaydaan isiitis dogoggoraafii badii irraa soomana namaaf qulqulleysiti.

Zakaan fixriidhaa muslima hundarratti dirqama.

Isiin midhaan suguda tokkoot (k.g 2 fi giraama 40  yoo kiiloo lamaaf cinaa godhan haalaan gaariidha.) nama tokkorraa baasuu barbaachisa.

Hadiisatti abdallaa ibnu umar (r.a.) akki jedhe

" nabiin (s.a.w.) tokko tokkoo muslimtootaa irratti zakkaa fixii tan ramadaanaa dirqama godhe, hunduma muslimaarratti  bilisa tahuu gabra tahuu, dhiira tahuu dubartii tahuu, guddaa tahuu xiqqaa tahuu, suguda (kooboo) takka timirarraa yookaan garburraa nama tokkorraa kafalama jedhe. "

Jecha bukhaarii keessatti nabiin s.a.w. zakaa fixrii dirqama godhe …jedhee hadiisa oofee achi keessatti osoo namni gara salaata iidaa hinbaane duratti akka kennamtu ajaje" jedhe.

Hikmaan (faaydaan) isiin dirqama godhamteeis

1-nama soomane dogoggoraa fii badii irraa qulqulleessiti.ir'ina isaati guutti, bakka jallate diriirsiti.

2-gargaarsa namoota hiyyeeyyiiti taati,guyyaa iidaa kabajamaa kana keessatti kadhaadhaaf hula namaarra deemurraa isaan duroomsiti.akkuma ummanni kuun gammachuun iida godhanitti dhabaanis quufee beela bahee ummata wajji gammachuu iidaa akka himaatu gargaarti.

Yeroo zakaa fixrii.

Yeroon isiin baafamtu akkuma hadiisa abdallaa ibnu umar kan dabre keessatti ibsametti "nabiin s.a.w. osoo ummanni salaata iidaatti hinbaane akka kennamtu ajaje." Jedhe.

Tanaaf irra caalaan yeroo isii kana.

Garuu ammas guyyaa iidaa duratti guyyaa tokko yookaa lama dursanii yoo kenna numa taha. Kanas abdallaa ibnu umar sahaabonni guyyaa lama yookaa tokko iida dursanii fixrii kennan jedhe.

Akkasuma zakaa fixrii salaata iidaa boodatti dabarsuun hintahu.

Kanarrattis ibnu abbaas akki jedhe nabii s.a.w. zakkaa fixrii kafaluu dirqama godhe akka nama soomane qulqulleessituuf, akka hiyyeessaaf gargaarsa taatuuf, namni salaata iidaa dura kafale kennaa qeebalamtuudha, ammo namni salaata booda kenne sadaquma sadaqaa irraa taate isaaf taati.


afaan kee filadhu