Sadarkaa soomana akka waliigalaatti

1-galanni soomanaa lakkoofsaan malettii heddummaatee galfama.

2-soomanni haalaa amala hamaa hundarraa nama tiiksa.

3-Namni soomanaa yeroo soomana isaa furuu fii guyyaa fuula Rabbii isaa dhaqus soomana isaatiin nigammada.

 4-Fooleen afaan nama soomanaa Rabbi biratti hafuura miskiirra urgooyti.

Rgaan waan dabarsine kanaa, Abii hureeyraan Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan jedhe ''Rabbiin oltahee qulqullaayee akkana jedhe-hundi dalagaa ilmaan aadam isumaafi soomana malee inni naafi, anumaatu galata galcha isarratti, soomanni wantaadha, yeroo guyyaan soomana tokkoo keessanii tahe akka hinbaalaganne, akka hinwacne, yoo namni tokko isa arrabse yookaan isaan lole ani soomanaadha haajedhuunii, Isaa (Rabbii) lubbuun Muhammad harka isaa keessa jirtuun kakadhee ciinca afaan nama soomanuuttu Rabbi biratti hafuura miskiirra urgaawa, nama soomaneef gamachuu lama tan inni isii gammaduutu isaaf jira, yogguu fure furuu isaatiif gammada, yogguu fuula Rabbii isaa dhaqe soomana isaatiin gammada.'' Bukarii fii muslimtu odeesse.

--galanni nama soomanuu lakkooysaan malletti hedduu tahee galfamaaf. Nabiin s.a.w.akkana jedhan "Dalagaan ilmaan aadam hundinuu dacha godhamtiif. Toltuun takkaa faakkaattuu isii kudhanirraa hanga dhibba torbaatti (heddummeyfamtiif). Rabbiin s.w. akkana jedha "soomana malee inni naafi anumaatu isarratti galata galcha, anumaa jecha fedhii isaatii fii nyaata isaa dhiisee soomane waan taheef jecha" muslimtu odeesse.

5-Namoota soomanuuf hulaa jannatarraa taateetu jira, tan isaan malee namni biroo hinseenne. Nabiin s.a.w. "Jannata keessa hula takka tan rayyaan jedhamtuutu jira, guyyaa qiyaamaa warra soomanaatu seena, isaan malee nam tokkolleenuu hinseenu,yogguu isaan seenan nicufamti, tokkolleenuu hinseenu." Bukharii fi muslim.

6-Soomanaa fii qur'aannii guyyaa qiyaamaa ni araarsan saahiba isaaniitiif. Nabiin s.a.w. akkana jedhan "Soomanaa fii qur'aanni guyyaa qiyaamaa saahiba isaaniitiif ni magantaawan. Soomanni akki jedhu yaa Rabbi nama kana naatu nyaataafii fedhii lubbuu isaa bahachuu isa dhoowwee na maganteessi isa keessatti. Qur'aannis akki jedhu : yaa Rabbi nama kana naatu halkan keessa hirriiba isa dhoowwe waan taheef namaganteessi isa keessatti, isaan lachuu nimaganteeffaman jedhe." Ahmaddu odeesse.

7-Soomanni ibidda namarraa ittisa. Nabiin s.a.w. akkana jedha "soomanni wantaadha (gaachana), jogola jajjabeeffamaadha ibidarraa ( nama ittisa)" Ahmad odeesse.

8-Soomanni hula toltuu guddoodha. Nabiin s.a.w. mu'aaziin akkana jedhe "mee hulaalee toltuutti siqajeelchuu?" eeyyeen naqajeelchaa yaa ergamaa Rabbii jennaan ''Soomanni wantaadha, sadaqaan akka bishaan ibidda dhaamsutti dilii dhaamsiti" jedheen. Tirmiziitu odesse.

9-Soomanni hiriyaa hinqabu ibaadaa keessaa.Nabiin s.a.w. abbaa umaamaatiin akkana jedhe ''soomanatti jabaadhu inni fakkaataa hinqabu" jedheen.ibnu hibbaantu baase.

10-Hanguma namni soomana heddummeesse Rabbiin ibidda azaabaarraa isa fageessa.nabiin s.a.w. akki jedhe "kama tahee haa tahu gabrichi Rabbii gabrichummaan rabbi tokko karaa Rabbii keessatti guyyaa tokko soomanee- sababaa guyyaa saniitiin fuula isaa ibiddarraa ganna torbaatam fageessu malee Rabbiin kadhiisu waa hintaane." Bukhaariif muslimtu baase.

afaan kee filadhu