1-soomanni dirqama taha hunda nama muslimaa,qalbiin fayyaa,kanufbaree,kan soomana danda'uu,taa'aa biyyaa kan karaa deemaa hintahin, waan soomana dhoowurraa qulqulluu kantahe hundarratti dirqama.
2-kaafirri soomanuun isaaf hintahu, soomanus irraa hinqeebalamu,
3-joollee xiqqoo soomanni irratti dirqamaa miti, garuu yoo soomanan nitahaaf, inumaa leenjiif jecha soomansiisuun barbaachisaadha.
4-maraataan waan soomanuuf hinqabu, irraayis hinqeebalamu.
5-Dadhabaan akka dhukkuba irraa hinfayyineen qabamee faa, nifura, guyyarraa beelawaa tokko nyaachisa.
6-Dhukkubsataan fayyuun isaa kajeelamu yoo dadhabe nifura, eega fayyee ammo qadaa kafala.
7-Dubartiin ilmoo hoosftuufi tan garaa qabdu yoo soomanni itti ulfaate yookaa ilmoo isiirratti miidhaa fidaa sodaatte nifurti, booda garuu qadaa kafalti.
8-Namni nama halaakamuu deemu -kan bishaan nyaatee fi kan ibiddi gube- dhaqqabee baasuuf deemu yoo furuun isa barbaachise nifura,booda qadaa kafala.
9-Namni karaa deemu yoo fedhe nisoomana yoo fedhe nifura, booda qadaa kafala.
10-Dubartii dhiiyni baatii fi dhiiyni ulmaa itti jiru nifurti, soomanuun isiif hintahu,booda nikafalti.
Ammoo ulaagaaleen soomanni itti fayyaa tahuu.
Ulagaaleen soomanni itti fayyaa tahu kanneeni:-Namni soomanu islaama tahuu, qalbiin fayyaa qabaachuu, joollummarraa bahee waa addaan baafachuu, dhiiga baatiitii fi kan ulmaa irraa qulqullaawuu, soomana niyyaa godhuu dha.