1- Qunnamtii saalaa godhuu guyyaa soomanaa, kun soomana balleessaa,garuu guyyaa isaa kanhafee soomana itti fufuu qabaa,guyyaa kana qadaa kafaluu qaba,adaba kaffaaraa guddotu isarraa barbaachisaa,-isiinis gabra tokko bilisoomsuudha,yoo hinargatin ji'a lama walitti dhaabee soomanuudha,yoo hindandayin miskiina jahaatama.
2-Nyaachuu fii dhuguu beekaadhaa kan irraanfiin hintahin, soomanni isaa nibada, guyyaa san hanga hafe soomanaan turuun dirqamaa, qadaa guyyaa fure sanii kafaluu qaba, gaabbuu, sheenawuufii towbachuu isa barbaachisa.
3-Bishaan hormaataa dhangalaasuu,osoo dammaqaa jiruu.Kan hirriibaan hintahin.Qaama saalaa harkaan uf tuttuquun,jaarsaaf jaartiin walqaqqabuun,waldhungachuufi walhammachuun tahuu Bishaan hormaataa dhangalaasuu. Kunis Adabuma akka nama beekaa nyaataa fi dhugaatiin fureettu isarra jira.
4-Limmoo nyaataa godhachuu,tan isiin nyaataafi dhugaatirraa duroomuu danda'an.
5-Limmoo dhiigaa godhachuu,dhiga nama biro karaa limmootiin ufitti naquu.
6-Dhiiyni baatiitii fi kan ulmaa namatti dhufuu.
7-Namni soomanaa dhiiga ufirraa baasuu.
Fakkeenyaaf koobaan, hidda muruun, limmoon nama dhukkubsate gargaaruuf ufirraa waraabuun fi kkf dhiiga ufirraa baasuun soomana nifura. Nabiin s.a.w. akki jedhe ''kankoobee fi kan koobbates soomana furan''abudawudii fi nasa'I odeesse,albaaniin sahiiha jedheen.
Hubachiisa-Ammoo dhiiyni ufumaan namarraa yaau kan akka funuunaa fi ilkee buqqaasanii dhiiydee soomana hinfuru. koobas mitii ittis hinfakkaatu.
8-Beekaa ufhaqqisiisuu.
hadiisatti ''Namni soomanaa yoo haqqisaan dirqiin isatti dhufte homaa isarratti hinjiran,ammo namni ufhaqqisiise qadaa haakafaluu''warreen sunanaattu odeesse albaaniin sahiiha jedheen.